BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
MM Abiy waa'ee warshaa xaa'oo Itoophiyaafi biiliyeenarri Afrikaa Aliikoo Daangootee ijaarsisaa jiranii maal jedhan?
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad warshaa xaa'oo Godee yeroo gabaabaa keessatti xumuruun rakkoo ijoo Itoophiyaa akka furan dubbatan.
Mariin Biyyaalessaa kan gaggeeffamaa jiruuf yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa 'daangessuufi'- MM Abiy
Ministirri Muummee Ityoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad, mariin biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru kun, yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa heera mootummaa irratti daangaa malee taa'etti daangaa gochuufi jedhan.
Addunyaan maallaqa Chaayinaa yuwaaniin daldaluutti ce'uufi?
Haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwachaa jirtu doollaarri Ameerikaa gatii akka addunyaatti qabu dhabsiisuu mala haasaa jedhu kaaseera.
Biyyoota Arabaa kamfaatu Israa'el waliin michummaa gaarii qaba?
Israa'el fi Libaanos erga bara 1984 Libaanos biyyoota Arabaa hundeeffamuu Israa'el mormanitti makamtee kaatee wal waraanuu keessaa bahanii hin beekan. Sababa isaan hariiroo dippilomaasii hin qabneef ijoon ibsamaniiru.
Hubannnoon nam-tolchee 'AI' akkamiin dhiirotni isparmii dhokataa akka argatan gargaaraa jira?
Teeknolojiin Hubannoo namtochee, AI iddoo seelonni sanyii dhiiraa jiru adda baasuun namoota amma dura dhala godhachuu hin dandeessan jedhaman deeggaraa jira.
Karra eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa: Imala milkii hanga 'filatamaa addunyaatti'
Deeviid Raayaa erga Arsenaal seenee baroota taphaa sadi walitti aansuun gooli eegaa cimaa Piriimer Liigii ta'uun badhaafameera.
Namichi sobaan 'dabballee ABO Shaneeti' jedhee hiriyaasaa hiisise hidhaa cimaan adabame
Ittigaafatamaan waajjira Abbaa Alangaa kutaa magaala Galaan Guddaa Obbo Masarat Yaaddessaa BBC'tti akka himanitti, namootni lamaan kuni dura waldhabdee dhuunfaa qabu turan.
Taayiwaan akeekkachiisa Tiraamp booda, biyya walabaa fi of dandeesse ta'uun akka itti fuftu ibsite
Tiraamp erga pirezidaantii Chaayinaa Shii Zhiinping waliin mari'atee Taayiwaan akka walabummaa ishee hin labsine akeekkachiise. Taayiwaan ammoo akeekkachiisa Tiraamp kana booda biyya walabaa fi of dandeesse taatee akka itti fuftu ibsite.
Iraan keebilii interneetii galaana jalaa kutuu maltii?
Miidiyaalee fi gareewwan siyaasaa mata-jabeeyyii Iraan, Ulaan Hormuz sarara daldala mijoo boba'aa qofa osoo hin taane, ulaa tarsiimawaa sarara intarneetii ta'uu haasawuu isaanii itti fufanii jiru. Akka gabaasawwan kanneenitti, dandeettiin dhiibbaa uumuu Iraan galaana jala, jechuun sararoota keebilii intarneetii idil-addunyaa bishaan jala darban keessa jira.
Indiyaan lammiileesheetiin waggaa tokkoof warqee hin bitinaa maaliif jette?
Ministirri Muummee Hindii Naarendiraa Moodii, "Faayidaa biyya keenyaaf jecha, mana keessallee jilli yoo jiraate, waggaa tokkoof faaya warqee bituu dhaabuu qabna," jedhan.
Haleellaa hidhattootaan Matakkal keessatti raawwateen namoonni 30 ajjeefaman
Naannoo Benshaangul Gumuz keessatti, Kibxata Caamsaa 4/2018, haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni 30 ol ta'an ajjeefamuu isaanii maatiiwwan balaa sanaan miidhaman fi jiraattonni BBCtti himan.
Sa'udi Arabiyaan maaliif iccitiin Iraan haleelte?
Sa'udi Arabiyaan lola Ameerikaa fi Israa'el waloon Iraan irratti banan hordofee haleellaa Iraanirraa ishee mudate haaloo bahuuf jecha, icciitiidhaan Iraan haleelte.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Abbaan ijoollee jahaa haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?
Maanguddoon ganna 42 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.
Viidiyoo, Kabaja qabsoo walakkaa jaarraa Obbo Leenco Lataa
Kitaabni waa'ee eebba kitaabaa waa'ee seenaafi qabsoo Obbo Leencoo Lataa ilaallatu magaalaa Finfinneetti eebbifameera.
Viidiyoo, Seenaa hakiima ijoolleen lama kansaa akka hin taane qorannoon irra gahe
Tibba kana biyyoota Afrikaa hedduu keessatti abbaa ta’uu mirkaneessuuf qorannoo DNA gaggeessuun saffisaan babal’achaa jira.
Viidiyoo, Keemikaalli 50 wiigiifi hiwuumaan heerii keessatti argame
Addunyaa maratti wiigiifi hiwuumaan heeriin rifeensatti gudunfamu rakkoo fayyaaf akka saaxilu qorannoon mul'ise.
Viidiyoo, Wal himannaan Itoophiyaafi Sudaan garam qajeelaa jira?
Itoophiyaa fi Sudaan waggoota muraasa darban wal himataa gara wal dura dhaabbannaatti qajeelaa jiru.
Viidiyoo, Duulli haaraa US Hormuuz ilaalchisee eegalte 'Project Freedom' maali?
Adeemsi dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman baasuu, 'Project Freedom' [Pirojektii Bilisummaa] jechuun Tiraamp waame Wixata hojiirra ooluu jalqabe.
Viidiyoo, Jibbaa fi arrabsoo miidiyaa hawaasaa akkamiin ofirraa ittisu?
Tibba kana 'of ajjeesuu' Boontuu Waaqtolaan walqabatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa gubbaatti itti duulamuu dubbatu.
Viidiyoo, Afrikaa Kibbaatti ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa duuba kan jiru eenyu?
Ajjeechaa Afrikaa Kibbaatti lammiilee Itoophiyaarratti mudataa jiruun yaadda’uu baqattoonni Itoophiyaa BBC’tti himan.
Viidiyoo, Qabiyyeewwan animeeshinii Afaan Oromoon ijoolleef dhiyaatan maaliif hanqatan?
Daa'imman waan mana barnootaa fi mana isaaniitti barataniin qofa jabanni itti qaraman darbee jira.
Viidiyoo, Tiraamp ejjennoo Iraaniin hin gammanne, itti aanee maaltu ta'a?
Tiraamp waraana dhaabuuf qabxiilee ijoo Iraan dhiyeessiterraa gammachuu akka hin qabne qondaalli US tokko madda oduu Rooyitarsitti himan.
Viidiyoo, US humna galaanaa fayyadamuun Iraanitti karra cufuun hagam milkaa'a?
Waraana Addunyaa 1ffaa (1914-1919) irratti humni galanaa Biriteen dooniwwan buufatawwan doonii Jarman seenaniifi bahan irratti to'annaa cimaa gaggeessuun itti milkooftee turte.
Viidiyoo, Ulaa Galaanaa dhabuun akkamiin Itoophiyaa 'icciitii' dhowwe?
Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Itoophiyaafi Ameerikaan dhimmoota ijoo sadiirratti waliigaltee mallatteessan
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet waliigaltee waloo Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii fooyyessuuf gargaaru ifa godhan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?
Maanguddoon ganna 43 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Namichi Aadde Adaanach Kumsaa 'ajjeesuun bineensa nyaachise' to'atamuu poolisiin beeksise
Shakkamaan hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu ajjeesuun shakkame to'annoo jala ooluu Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa beeksise.
Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan waamicha taasiste
Ameerikaan Waraanni Sudaan 'dirree waraana bakka bu'oota' biyyoota hedduu hirmaachise ta'aa dhufuun isaa yaaddessaa ta'uu dubbatte. Ameerikaan kana kan dubbatte erga wal himannaan Sudaan fi Itoophiyaa gidduutti tibbana hammaataa dhufeeti.
'Pirezidantii lama Tigraayitti' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise?
Naannoo Kaaba Itoophiyaa waraana jalaa hin bayyananne Tigraay keessatti waan guddaatu adeemaa jira.
Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keessee turte kan akkamiiti? Addatti eenyufaa ilaallata?
Murteen Ameerikaa hariiroo Asmaraa waliin qabdu fooyyeessuufi Itoophiyaan Ertiraa waliin gara waraanaatti akka hin galle ergaa dabarsuu kan kaayyeffatedha jechuun xiinxaltoonni dubbachuu maddi oduu kun gabaasa isaa keessatti mul'iseera.
Aangoon Bulchiinsa Yeroo Tigraay ''humnaan fudhatamaa'' jira - L/T Taaddasaa
Kibxata walgahii mana maree duraanii naannoo Tigraay taa'een kan filaman kaabineen Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu walgahii taa'uu jalqabuu isaatiin Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa aangoon bulchiinsa yeroo "humnaan qabamaa" jiraachuu ibsan.
US qoqqobbiiwwan Ertiraa irraa kaasuuf akka jirtu sanadi keessoo mootummaa biyyattii mul'ise
Ameerikaan biyya iddoo mijataa handaara Galaana Diimaa jirtu, Ertiraa, irra qoqqobbii keessee turte kaasuuf akka jirtu wantoonni akeekan jiraachuu, Rooyitarsi sanada keessoo mootummaa US irraa akka argate ibsuun gabaaseera.
Itoophiyaan himannaa Sudaan dirooniin Itoophiyaarraa ka'e Kaartuum haleele jechuun dhiheessite kuffiiste
Waraanni Sudaan Yunaayitid Arab Emireetis fi Itoophiyaan haleellaa dirooniin buufata xiyyaaraa Kaartuum haleeluu erga himatee booda, Itoophiyaan himata kana kuffisuun ibsa baasteetti.
Manni Maree Tigraay diigamee ture Dabratsiyooniin Pirezidantii gochuun muude
Waraana Tigraayitti taasifame hordofee diigamee kan ture Manni Maree Tigraay guyyaa har'aa wal gahee Dura Taa'aa TPLF kan ta'an Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el 'pirezidantii Tigraay' godhee filatuu isaa Televijiniin Tigraay gabaase.
Ispoortii
Tapha murteessaa Arsenaal v Barnilee, waancaa FA Cup, Siitii v Chelasii eegamu dabalatee tilmaamni kennameera
Taphoota hafan lamaan waancaa Piriimer Liigii argachuu Arsenaal murteessan keessaas Barnilee waliin dhum-torbee kana dirree Arsenaal irratti gaggeeffama.
Waakaa Waakaa hanga Dayii Dayii- Shakiiraa fi Waancaa Addunyaa maaltu walitti hidhe?
Maqaa guutuu ishee Shakiiraa Isaabel Mebaaraak jedhama. Shakiiraa jechi jedhu afaan Arabaa yoo tahu ''Galata'' ykn Galatee akka jechuuti. Maqaan ishee Afaan Arabaan kan moggaafames sababa qaba.
Atileetonni utuu shaakalarra jiranuu wanti du'aaf isaan saaxilu maali?
Atileetiin Itoophiyaa fageenya dheeraa Yebirgu'al Mallas tibbana Finfinneetti shaakalarra osoo jirtuu tasa lubbuun ishee darbuu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.
Sagaleen murteessaa fi VAR tapha Arsenaalii fi West Haam ifoomsame
Sarara rukkuttaa peenaaliitii keessatti wal dhidhiibuu baay'een yoo jiraate akkamiin akka furuun danda'amu barri dorgommii kun akka xumurameen falli kan barbaadamu taha jedhe Hogganaan Murteessitootaa Howaard Weeb.
Moriinihoon leenjisaa haaraa Riyaal Maadriid ta'uuf jiraa?
Leenjisaan lammii Poorchugaal Joozee Moriinihoon waggaa 13 booda Santiyaagoo Bernaaboo gadhiisee Riyaal Maadriid leenjisuutti deebi'uuf marii marsaa xumuraa irra jira.
Kiristaal Paalaas hiree waancaa Piriimer Liigii Arsenaal fi Maanchister Siitii murteessaa?
Arsenaalii fi Maan Siiti tapha ulfaata jedhamu qaban keessaa tokko Kiristaal paalaasi. Garuu Paalaas waancaaf qophaa'a.
Muddama daqiqaa afurii: Murtee VAR tapha West Haam VS Arsenaal irratti maaltu jedhame?
Daqiiqattiin afran sun seenaa Arsenaal, akkasumas kan west Haam jijjiiruuf humna qabdi turte. Arsenaal waggaa 22 booda waancaa argachuuf tarkaanfiin tokko gara isa hafutti ce'uuf, West Haam ammoo sadarkaa Liigicha keessaa kufuu keessaa xiqqoo morma ol baafachuuf mo'achuuf ijibbaata keessa turan.
Arsenaal waancaaf, West Haam ammoo Liigicha keessa turuuf taphatu, maaltu eegama?
Aarsenaal waancaatti dhiyaachuuf, West Haam ammoo Piriimer Liigii keessaa kufuu ooluuf taphatu.
Arsenaal v West Haam, Liiverpuul v Chelsii eegaman dabalatee tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Arsenaal taphoota isa hafan sadan yoo mo'ate shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uu isaa mirkaneeffata. Arsenaal kana mirkaneeffachuuf sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiin mo'achuun imala isaa jalqaba.
Taphattoonni Riyaal Maadirid wal lolanii mataa Vaalveerdee irra miidhaan gahe
Federiikoo Vaalveerdee fi Shuumeeniin wal lolanii mataa Vaalveerdee irra miiidhaan geenyaan yaaliif hospitaala gale.
Miidhama, bashannana doonii qaalii fi iyyata- Imbaappee maaltu mudate?
Kiiliyaan Imbaappeen waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuuf osoo kadhatamuu Riyaal Maadrid deeme. Garuu waggaa lama waancaa malee hafe.
Piriimer Liigii mo'achuun abjuu isaaniiti- Arsenaal Shaampiyoonsi Liigiis mo'achuufii?
Arsenaal waggaa 20 booda xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahe.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.



























































































